Raawwii Hojii bara 2015 ilaalchisee, Ibsa Guutuu Miidiyaaleef kenname - Oromia Water and Energy Bureau Portal
  • info@oromiawater.org
  • 12/7, OWEB Portal | Utilities
By oweb

Raawwii Hojii bara 2015 ilaalchisee, Ibsa Guutuu Miidiyaaleef kenname

“Bishaan jiruu fi jireenya lubbu qabeeyyii hundaaf, adda durummaan wantoota barbaachisan keessaa isa tokko yoo ta’u, bara durii irraa eegalee qaroominni gurguddoon Addunyaa hedduun kallattiinis ta’ee al kallattiin yaa’a bishaanii wajjiin walitti hidhamiinsa guddaa akka qabu, seenaan ragaa baha. Biyya teenyattis yoo ilaalle Seenaan itti fayyadama bishaanii waggaa dheeraa kan lakkoofsise yoo ta’u, keessattuu erga jijjiiramatii as karaa adda ta’een rakkoo dhiyeessa bishaan dhugaatii Naannoo keenyaa hiikuuf, Mootummaan Naannoo Oromiyaa Imaammataa fi Tarsiimoo dhiyeessa bishaan dhugaatii akkasumas karoora imala badhaadhinaa jidu galeessa godhachuun fayyadamummaa ummata naannoo keenyaa roga hundaan mirkaneessuudhaaf hojii balaa hojjataa jira.

 

Raawwii Hojii bara 2015 ilaalchisee, Ibsa Guutuu Miidiyaalee gara garaatif Hooggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Eng. Miliyoon Baqqalaa kennan akka armaan gadiitti dhiyaatee jira.
Bu’uuruma kanaan Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa fedhii hawaasni keenyaa gama dhiyeessa bishaan dhugaatii qulqulluu fi Inarjii haaromfamaa qabu milkeessuuf,karoora Imala Badhaadhinaa waggaa kudhanii qophaa’e keessaa waggaa waggaan karoora hiixataa qopheessuu fi baajata madda gara garaa irraa argamu qixa sirriin itti fayyadamuun hojii fooyya’iinsa qabu hojjachaa turee jira. Haaluma kanaan qaama karoora imala badhaadhinaa waggaa kudhanii kan ta’e karoorri hojii bara 2015 qaamolee dhimmi ilaaluu fi hirmaannaa qooda fudhattootaatin qophaa’ee hojitti kan galame yoo tau, kaayyoo tarsiima’aa Seektara keenyaa gurguddoo keessumattuu, waliingahiinsa bishaan dhugaatii dabaluu, iskiimota bishaan dhugaatii tajaajila hin kennine gara hojiitti deebisuu fi inarjii haaromfamaa hawaasa keenya biraan gahuuf,karoorri bara baajata 2015 karaa adda ta’een xiinxala raawwii hojii waggoottan darbanii fi gaaffii ummataa jiddu galeessa godhachuun kan qophaa’eedha.

Haaluma kanaan Hojii bulchiinsa qabeenya bishaanii cimsuu fi kunuunsa madda bishaanii dabaluuf hojii hojjataman keessaa Sulula misoomni bishaanii irratti gaggeeffame adda baasuun ragaa isaa qindeessuu 8,723(%125), qindoomina qaamolee dhimmi ilaallatuu wajjiin ta’uun kunuusa sululaa gageessuu hektaara 3,109,625 (% 104) akkasumas To’annoo fi hordoffii eegumsa faalama maddeen bishaanii lafa irraa fi lafa jalaa 718 (% 103) raawwatamanii jiru.
Qorannoo fi dizaayinii saayitoota bishan dhugaatii ilaalchisee hojii hojjatameen, Sadarkaa Biirootti pirojektoota 17(98.8%), sadarkaa godinaaleetti pirojektoota 149(100%) ol qaratamanii qaama dhimmi ilaaluuf dhiyaatanii jiru.
Gama biraatin bara bajata 2015tti dhiyeessa bishaan dhugaatii fi saaniteeshinii milkeessuuf pirojektoota gara garaa 8,669 ta’an #baayinaan#qulqullinaa fi #saffisaan xumuruu fi ummata waliigala 2,749,278 ta’an fayyadamaa bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuu fi iskiimota bishaan dhugaatii sababa adda addaatin tajaajila hin kennine gara tajaajilaatti deebisuu bara baajata 2014tti %5.98 ture dhuma bara baajata 2015tti %5.64tti gadi buusuuf karoorfamee ture.

Haaluma kanaan bara kana rakkoo dhiyeessa bishaan dhugaatii hiikuu fi ijaarsa piroojeektoota bishaan dhugaatii rakkoo bulchiinsa gaarii ta’an xumuruuf hojiin bal’aan kan hojjatame yoo ta’u, bu’uuruma kanaan pirojektoota Sadarkaa Naannoo 27(90%) xumuruun ummata 1,447,363 fayyadamaa bishaan dhugaatii taasisuun dandaamee jira. Akkasumas pirojektoota Sadarkaa Godinaa 66(69.47%) irraa ummatni 359,066, pirojektoota Sadarkaa Aanaa 411(99.9%) irraa ummatni 204,622.00, pirojektoota Hirmaannaa Hawaasaa 7,755(102.7%) irraa ummanni 578,230, pirojektoota Sagantaa OneWaSH 209 irraa ummanni fayyadame 470,395, pirojektoota Baaskeet Fandii 7 irraa ummanni fayyadame 342,280, sagantaa Cowash pirojektoota 310 irraa ummanni fayyadame 84,205, pirojektoota dhabbilee miti mootummaa 303 irraa ummanni fayyadame 245,633, pirojektoota Unicef 11 irraa ummanni fayyadame 24,433 yoo ta’u; Akka waliigalaatti bara bajataa kanatti ijaarsa pirojektoota bishaan dhugaatii gosa adda addaa hojjatamanii xumuraman 9,099(104.96%) irraa uummata Baadiyyaa 2,989437 fi Magaalaa 740,520 walumaagalatti uummata naannoo keenyaa 3,756,630(136.6%) fayyadamtoota bishaan dhugaatii qulqulluu taasisuun dandaameera.

Gama biraatin Rakkoo Hongee bara kana mudate qolachuu fi lubbuu hawaasaa baraaruuf dhiyeessii bishaan dhugaatii yeroo sardamaa Godinaalee 10, Aanota 83 fi Gandoota 877 keessatti hojiin guddaan kan hojjatamee fi baajata Mootummaa Naannoo Oromiyaa irraa ramadame qarshii miliyoona 151,246,837.00 hojii irra ooleen, walii gala uummata 2,818,255 tif tajaajila bishaan dhugatii kennuun lubbuu bararuun dandaamee jira.
Gama Misooma inarjii haarofamaatin hojii hojjatamaa ture yoo ilaallu, ijaarsa wiirtuu gemoowwan qoraan qusatan 8 kan ijaaraman yoo ta’u, raabsaa Gemoowwan qoraan qusatan 690,343(87.3%), ijaarsa teeknooloojii Baayoo Gaazii 1,741 (%99.49), raabsa soolaarii adda addaa 77,785 fi ijaarsa soolaarii dhaabbilee hawaasaa 12 kan xumuraman yoo ta’u, waliigala hojiiwwan gama misooma inarjii haaromfamaa babalisuu hojjatameen abbaan warraa 769,869 (ummata 4,619,214.00 ) fayyadamaa inarjii haaromfamaa taasisuun danda’ameera.

Dabalataan Karoora bara kanaa milkeessuuf, dandeettii raawwachiisummaa caasaa fi ogeessota sadarkaa sadarkaan jiranii cimsuun barbaachisaa waan taeef, Leenjiiwwan gabaabaa Dhiira 25,684, dubartii 9,711 Idaama 35,395 (100%) ol akkasumas Leenjii Yeroo Dheeraatin Hojjettoota afuriif digirii 2ffaa nama fii digirii 3ffaa (PhD) dhiira lama walii gala namoota 6 barumsa isaanii akka baratan taasifamee jira.

Gama fayyadamummaa dubartootaa fi daa’immanii dabaluuf hojii hojjatameen dubartoota harka qalleeyyii 377 ta’aniif meeshaalee inarjii haaromfamaa fi uffataa gara garaa qarshii 550,000.00tti tilmaamamu deeggarsaan kennuun dandaamee jira. Akkasumas Daa’imman sababa dhukkuba HIV/AID tiin maatiii saanii dhaban 36, dhira 15 dubartii 18 ta’aniif qarshii 390,000.00 deeggaruun barnoota isaanii akka itti fufan gochuun danda’amee jira. Kana malees hojii bishanii fi inarjii keessatti dargooggota hoji barbaadaniif carraa hojii dhaabbii dhiira 3,830, dubartii 2,290 waliigala 6,121(100.74%) fi carraa hojii yeroo dhiira 16,691,dubarii 12,855 waliigala nama 29,546(10.3.94%), walumaagalatti namoota 35,667 carraa hojii yeroo fi dhaabbii uumuun danda’amee jira. Akkasumas dhaabbii biqiltuu gara garaa ganna darbe 9000 dhaabbate keessaa (90%) ol kan late yoo ta’u, kana malees sadarkaa Biirootti qofa hojiiwwan tajaajila lammummaa adda addaa qarshii 5,987,452 tti shallagamu hojjatameera.

Gama biraatin Bara kana galiiwwaan gosa adda-adda walitti qabuuf hojiin cimaa hojjatameen waliigala qarshii 523,353, 421.04 walitti qabamee jiru keessa VAT 15% Qarshii 427,090,120.14 fi With holdii Qarshii 86,263,300.90 walitti qabuun qaama dhimmi ilaallatuuf galii taasifamee jira.
Walumaagalatti Hojiiwwan bishaanii fi inarjii bara kana karoorfame milkeessuuf, itti fayyadamni baajata keenyaa fooyyee kan qabu yoo ta’u, kaappitaalaa ramadamee ol 143.3% hojii irra oolchuun dandaamee jira.
Raawwii hojii bara kanaa keessatti ciminni fi hanqinni adda addaa yoo jiraatanis, akka ciminaatti rakkoo nageenyaa, qaala’iinsa meeshaa ijaarsaa fi hanqina bajataa mul’atu keessatti hojiin Ijaarsa pirojektoota bishaanii yeroo kamirraayyuu caalaa fooyyee kan qabu yoo ta’u; Fkn pirojektoota Biiroo jiddu galeessaan 85.38% ol raawwachuu, kana malees Bara kana hojii cimaa hojjatameen Pirojektoota heddu yeroo waliigaltee duratti xumuruu (Asallaa, Boqojjii II, Cinaaksan, fi kkf), Kana malees pirojektoota waggoota dheeraaf madda komii ummataa ta’an heddu xumuraman keessaa (Pirojektii Bishaan dhugaatii Tayfee, Maraaroo, Arsii Nageellee, Loodee Arfattuu, Fincaa’aa, Gincii, Bororee fi kkf kaasuun ni danda’ama. Akkasumas Pirojektoota bara kana xumuraman irra caalaa isaanii gara humna ibsaatti akka jijjiiramu taasisuun bulchiinsi iskiimotaa akka lafa qabatu taasisuuf, yaaliin guddaan taasifamaa turee jira.

Gama biraatiin Waliigahiinsa bishaan dhugaatii dabaluuf hojii hojjatameen ummatni miliyoona 3.75 ol bishaan qulqulluu akka argatan gochuu,itti fayyadamni bajata kaappitaalaa gaarii ta’u.(143% ol),Hojii siistama IT diriirsuu fi itti fayyadamn teeknolojii fooyyee ta’uu(project mgt, scheme mgt, ICT Conference fi kkf) keessaa dhimmoota muraasa kaasuun ni danda’ama.

Dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadan
#Hanqina dhaabbilee Qotiinsa Boollaa
#Raawwiin Godinootaa walfakkaachuu dhabuu
#Rakkoo sharafa alaa (Harkifannaa LC)
#Qaalaiinsa gatii meeshaalee ijaarsaa
#projektoota rakkoo bulchiinsa gaarii ta’an
#kenna Tajaajilaa dhaabbilee bishaanii fi kkf

Galata
Milkaa’ina hojii bara kanaatif qaamoleen heddu deeggarsa olaanaa kan nuuf taasisan yoo ta’u, isaan keessaa
  • Mootummaa Naannoo Oromiyaa,
  • Waajjira Caffee Oromiyaa fi Koree Dhaabbii Misooma Baadiyyaa,
  • Kilaastara Misooma Baadiyyaa,
  • Biirolee Mootummaa Naannoo Oromiyaa
  • Minestera Bishaanii fi Inarjii
  • Hooggantootaa fi ogeeyyii seektara Bishaanii fi Inarjii sadarkaan jirtan,
  • Caasaa Bulchiinsa Godinaalee,Magaalotaa, Aanotaa hanga Gandaa jirtan,
  • Kontiraktarootaa fi gorsitoota gara garaa ijaarsa pirojektootaa irratti hirmaatan,
  • Dhaabbilee miti mootummaa gara garaa
  • Dhaabbilee deeggartoota adda addaa (Baankii Addunyaa, Baankii Misooma Afrikaa, UNICEF,….),
  • Dhaabbilee Miidiyaa gara garaa, keessattuu Dhaabbata OBN komii fi yaada ummata keenya irraa dhiyaatu furmaata akka laannuuf nuuf dhiyeessaa turuu keessanii fi hojii nuti hojjannes gurra ummataatin gahuu keessaniif galata guddaa qabdu.

 

Hundaa ol ummata keenya milkaaina hojii Biiroo bishaanii fi Inarjiitif gumaacha yaadaa, humnaa, qabeenyaa fi mallaqaa nuuf taasiftan hunda maqaa koo fi maqaa Biiroo Bishaani fi Inarjii Oromiyaatin guddaa isin galateeffachaa, hojiin dhiyeessa bishaan dhugaatii fi inarjii haaromfamaa tumsa nama hundaa waan barbaaduuf, karoora hojii bara 2016ttis hojii caalmaa akka hojjannuuf, deeggarsa baratame akka nuuf taasiftan irra deebi’ee kabajaan isin gaafadha.


Galatoomaa
Horaa Bulaa”
  • No Comments
  • June 12, 2021

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *