Oromiyaatti bara kana Pirojektoonni Bishaan dhugaatii 9,654 Qar. Bil. 11 oliin hojjetaman xumuraman. - Oromia Water and Energy Bureau Portal
  • info@oromiawater.org
  • 12/7, OWEB Portal | Utilities
Oromiyaatti bara kana Pirojektoonni Bishaan dhugaatii 9,654  Qar. Bil. 11 oliin hojjetaman xumuraman.
By oweb

Oromiyaatti bara kana Pirojektoonni Bishaan dhugaatii 9,654 Qar. Bil. 11 oliin hojjetaman xumuraman.

—-
#BBIO-(Adoolessa 9/2016 “Finfinnee) _Biiroon Bishaanifi Inarjii Oromiyaa bara bajataa 2016 keessatti Pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu 9,654 qar. Bil. 11 oliin hojjetamaa ture xumursiisuun tajaajilaaf banaa taasisuu ibseera.
Biirichi raawwii hojii bara kanaa ilaalchisuun har’a miidiyaaleef ibsa kenneera.
Ibsicha kan kennan Hooggantuun Biiroo Bishaanifi Inarjii Oromiyaa Injinar Miiliyoon Baqqalaa Karoora Xiiqii bara bajataa 2016 keessa akka mootummaatti qabame milkeessuudhaaf hojjetamaa turuu ibsaniiru.
Bara 2016 keessatti bajata mootummaa, miti-mootummaa, hirmaannaa ummataa akkasumas qooda fudhattoota garaagaraa hirmaachisuudhaan pirojektoota bishaan dhugaatii sadarkaa Naannoo, Godinaaleefi Aanaaleetti hojjetamaa turan walumaagalatti 9,654 ta’an xumursiisuun tajaajila ummataaf banaa taasifamuu dubbataniiru.
Pirojektoonni kunneen bajata idilee qar. biliyoona 7.5 ol, hirmaannaa ummataa qar. miliyoona 500 tti siquufi bajata sagantaalee adda addaa qar. biliyoona 3.3 waliigalatti qar. biliyoona 11 oliin hojjetamanii xumuramuun ummata miliyoona 2tti siqu fayyadamoo taasisaniiru.
Pirojektoonni hirmaannaa ummataatiin hojjetaman 8,376 yoo ta’an, hawaasa kuma 552 ta’an fayyadamoo bishaan dhugaatii qulqulluu taasisaniiru. Dabalataan Iskiimota 8,190 suphuuf karoorfamee karooraa ol Iskiimonni 11,163 suphamanii tajaajilatti deebisuun ummata mil. 2.4 ol fayyadamoo taasisuun kan danda’ame ta’uu Inj Miiliyoon ibsaniiru.
Fandii bulchiinsa qabeenya bishaanii lafa qabsiisuuf xiyyeeffannaadhan hojjetamaa jiraachuu kan ibsan Injinar Miiliyoon galiin fandii misooma qabeenya bishaanitiin ji’oota muraasa keessatti taasifameen hojii irra oolchuuf qarshiin. 35,120, 000 walitti qabuun danda’ameera jedhan.
Gama biraatiin Fedhii inarjii ummataa guutuuf qo’annoo adda addaa teknoloojii inarjii irratti gaggeesuu, teeknooloojii biyya alaa fi biyya keessa jiran irratti haala ummanni fayyadamuu danda’uun madaqsuufi babali’suun ummata biraan ga’uuf hojii bal’aa hojjetamaa tureen milkaa’inoonni gurguddoon kan galmaa’an ta’uus Injinar Miiliyoon kaasaniiru.
Bu’uuruma kanaan teknoloojii qabeenya humna aduu soolaaritti jijjiiru fayyadamuun bara kana (soolaarii dhaabbilee hawaasaa) 11, Teknoloojii Baayoo Gaazii 2152, Geemoo Qoraan Qusatu Kuma 888, Soolaarii man-tokkee 94,538 babal’isuun walumaagalatti ummata miliyoona 2 fi kuma 740 ol fayyadamoo taasifamaniiru.
Milkaa’ina hojii kanaaf hirmaannaan hawaasaafi qaamota garaagaraa olaanaa ta’uu himuun kan galateeffatan Inji. Miiliyoon gara fuulduraatti hirmaannaafi qooda fudhannaa isaanii cimsanii akka ittifufan dhaamaniiru.
Pirojektoota tajaajila ummataaf banaa taasifamaniif hawaasni naannichaa kunuunsa barbaachisu taasisuun yeroo dheeraa akka tajaajilan gochuu akka qabu himanii bara 2017 keessattis milkaa’ina olaanaa galmeessisuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan kan hojjetamu ta’uu Hooggantuun Biirichaa Injiinar Miiliyoon eeraniiru.
  • No Comments
  • July 16, 2024

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *