#Bishaan- bu'uura jireenya lubbu qabeeyyii maraa! - Oromia Water and Energy Bureau Portal
  • info@oromiawater.org
  • 12/7, OWEB Portal | Utilities
#Bishaan- bu’uura jireenya lubbu qabeeyyii maraa!
By oweb

#Bishaan- bu’uura jireenya lubbu qabeeyyii maraa!

#BBIO-Fulbaana 1/bara 2017, Finfinnee)- Bishaan jireenya lubbu qabeeyyii maraaf bu’uura. Ilmi namaa wayita dhalatus ta’e wayita addunyaa kanarraa godaanu bishaan fayyadama. Wantoota jiruuf jireenya ilma namaa keessatti murteessaa ta’an nyaata, uffata/huccuufi mana jireenyaa akka ta’e ol ka’ee himama.
#Nyaata: Nyaanni jireenyaaf bu’uura. Nyaata madaalawaa nyaachuun fayyaafi guddinaaf murteessaadha
#Uffata: Uffanni qaama keenya qilleensa, ho’aa, fi qorraa irraa eeguuf barbaachisa.
#Mana_Jireenyaa: Mana jireenyaa qabaachuun nageenya, tasgabbiifi boqonnaa argachuuf barbaachisaadha. Manneen jireenyaa bakka itti boqonnaa argannu, nyaannu, fi jireenya keenya keessatti hojiiwwan adda addaa raawwannu dha.
Wantoota kanneeniin ala, jireenya keessatti nageenyi, fayyaan, barnoonni, fi hawaasni jireenya gaarii jiraachuuf murteessaadha.
Haata’u malee Bishaan malee nyaanni eessaa dhufa? Bishaan malee waantoonni nyaataf, uffannaafis ta’ee mana itti jiraannu horachuuf nu gargaaran eessaa argamu? Ilma namaa dabalatee lubbu qabeeyyiin lafa kanarratti uumaman bishaan malee jiraatuu?
Uumama uumaan nu badhaase heddu keessaa bishaan kan gahu hin jiru. Lubbu qabeeyyii kamiifu bishaan murteessaadha. Kanaaf #bishaan_lubbuudha” kan jedhamuufi.
Uumamuu lubbu qabeeyyii maraafuu bishaan isa duraa ta’uu irratti yoo waliigalle wantoota jireenya ilma namaatiif bu’uura jennee tarreessine keessaa bishaan ta’uu waan dagatame fakkaata. Nyaata keessatti kan ramadamu yoo ta’es faayidaafi barbaachisummaa bishaanii waan xiqqeessine fakkaata.
Bishaan malee nyaanni, uffanni, manni jireenyaa, misoomnifi guddinni kamuu hin jiru. Bishaan dhugaatiifi nyaataaf, qulqulliinaaf, oomisha qonnaatiif, turiizimiif, miidhaginaaf, ijaarsaaf, walumaagalatti jiruufi jireenya keenya keessatti gita ittiin dorgomu hin qabu.
Kanaafi fedhiin bu’uuraalee misoomaa inni sadarkaa duraatti ummanni barbaadu keessaa inni tokko Bishaan dhugaatii kan ta’eef.
Fedhiifi gaaffiin dhiheessii tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasni keenya qabu yeroo ammaa sadrkaa olaanaan dabalaa dhufeera. Mootummaan fedhiifi gaaffii kana keessummeessuuf hojii bal’aa hojjechaa tureera, ammas xiyyeeffannoo olaanaa kennuun hojjechaa jira.
Biiroon Bishaaniifi Inarjii Oromiyaa Qabeenya bishaanii fi Inarjii naannoon keenya qabu qorannoon adda baasuu, kunuunsuu fi bulchuu, bishaan dhugaatii qulqulluu, gahaafi itti fufiinsa qabu hawaasaaf dhiyeessuu, sirna bulchiinsa iskiimotaa hammayyeessuu akkasumas misooma inarjii babal’isuun guddina hawaas-dinagdee naannichaa mirkaneessuuf hojii bal’aa hojjechaa jira.
Ergamootaafi kaayyoo gurguddoo milkeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiru keessaa tokko bishaan dhugaatii qulqulluu, gahaafi itti fufiinsa qabu hawaasaaf dhiheessuun fayyadamummaasaa mirkaneessudha.
Bu’uuruma kanaan Imaammataafi tarsiimoo bulchiinsa qabeenya bishaanii hojiirra oolchuufi sirna kenniinsa tajaajila bishaan dhugaatiifi dhangala’aa hammayyaa’aa, dhaqqabamaafi si’ataa ta’e diriirsuun hojii bal’aa hojjechaa jira.
Kenniinsa tajaajila bishaan dhugaatiifi dhangala’aa keessatti qorannoo irraa eegalee sadarkaa hundatti hirmaannaan kallattii itti fayyadamtootaa akka jiraatuufi dhaabbileen yookiin waldaaleen tajaajila bishaan dhugaatiifi dhangala’aa haala haqa qabeessaafi ittifufiinsa qabuun tajaajila akka kennan taasisuun waan barbaachiseef Labsiin Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Bahe, Lakkoofsi 228/2012 baasee hojiirra oolcheera.
Akkaataa lambsii kanaatiin Hawaasni dhaabbilee yookiin waldaalee tajaajila bishaanii magaalaafi baadiyyaa abbummaadhaan akka bulchuufi dhaabbileen yookiin waldaaleen kunis of danda’anii akka bulan tooftaa dandeessisu diriirsuun dhiyeessiin bishaan dhugaatii amansiisaafi ittifufiinsa akka qabaatu taasisuuf caasaa ittigaafatamummaa qabu diriirsuufi gurmaa’insa isaanii sirreessuun barbaachisaa ta’uun tumameera.
Labsiin kun Aangoofi gahee hojii Dhaabbilee Bishaaniifi dhangala’aa sadarkaan jiranii murteesseera. Haaluma kanaan dhaabbileen tajaajiloota bishaan dhugaatiifi dhangala’aa Imaammata, tarsiimoo, sagantaaleefi seerota bishaan dhugaatiifi dhangala’aa hojiirra ni oolchu; Magaalaa pilaanii qabu keessatti pilaanii irratti bu’uureffatanii ijaarsa bishaanii ni gaggeessu yookiin sarara maqsa dhanga la’aa ni diriirsu; Magaalaa Pilaanii hin qabne keessatti qaama Bulchiinsa Aanaa yookiin Magaalaa waliin waliigaltee taasisuun ijaarsa bishaanii ni gaggeessu yookiin sarara maqsa dhangala’aa akka diriirsan tumameera.
Bishaan dhugaatii sadarkaa qulqullina isaa eeggate, gahaafi amansiisaa ta’e hawaasa magaalaafi naannawa magaalichaa jiraatu yookiin baadiyyaa gandoota hedduuf ni dhiyeessau; Tajaajila kennan babal’isuuf maddoota galii adda addaa ni barbaadu; akka barbaachisummaa isaatti baasiin investimantii tajaajila bishaan dhugaatiifi dhangala’aa hawaasaan akka deeggaramu ni jajjabeessu.
Namoota tajaajila bishaan dhugaatii gaafatan haalli dirqisisaan yoo qunname malee akkaataa tartiiba gaaffii isaaniitiin sarara bishaanii ni diriirsu; ni suphu; ni babal’isu; waliigaltee ni seenu; ni haaromsu; ni fooyyeessu; Namoota harka qalleeyyii ta’aniif liqiidhaan yookiin tooftaalee mijataa ta’aniin bishaan akka galfatan ni deeggaru.
Kana malees dhaabbileen Tajaajiloota Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa aangoo qabeenya horachuufi Investmantii keessa galuu dabalatee kanneen biroo kennameefii jira. Labsii kana hojiirra oolchufis Dambii Lakkoofsa 222/2013 Labsii Tajaajila Bishaan Dhugaatii fi Dhangala’aa Naannoo Oromiyaa raawwachiisuuf bahee hojiirra oolee jira.
Rifoormii sktaricha keessatti gaggeeffame bu’uura godhachuun Dhaabbilee Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa sadrkaa 1ffaa addaatii hanga sadrkaa 5ffaatti bifa haaraadhaan labsiin gurmaa’an keessaa Dhaabbileen Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa Magaalota Hurutaa Heexossa Dheeraafi Hoolotaa-Ejereeti.
Dhaabbileen lameenuu tibbana Fooramii Maamilaa gaggeeffataniiru. Kaayyoon Fooramii kanaas tajaajilaa dhaabbileen kunneen hawaasaaf kennan, akkasumas raawwiifi karoora hojii bara 2016 fi 2017 irratti mari’achuun ciminootaafi hanqinoota jiran adda baasuudha. Ciminoota jiran itti fufsiisuufi hanqinoota dhaabbileen qaban fuulaafi fuulatti kaasuun kallattii furmaataa kaa’uudha.
Erga fooramiin maamilaa kun gaggeeffamuu eegalee as rakkooleen kenna tajaajilaatiin walqabatan ammallee hojii bal’aa kan gaafatan ta’ullee, sadrkaa sadrkaan furamaa dhufuusaa bakka bu’oonni maamilaafi qooda fudhattoonni waltajjii kanarratti hirmaatan ragaa bahaniiru.
Biiroon Bishaanifi Inarjii Oromiyaa rakkoolee kenna tajaajilaa dhaabbilee tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa keessatti mul’atu furuuf bara kana sosochii keessa galeera.
Biirichatti Daarektarri Daarektooreetii Bulchiinsa Dhaabbilee Bishaan Dhugaatii Magaalotaa Obbo Jabal Abbaa Fiixaa Qorannoo hanqina kenna tajaajilaa irratti akka biyyoolessaatti gaggeeffameen seektaroota qorannichi irraatti taasifame 8 keessaa tokko dhabbiilee tajaajila bishaan dhugaatiifi dhangala’aa magaalootaa ta’uu waltajjii kanarratti ibsaniiru.
Bu’uuruma kanaan Biirichi tibba darbe caasaa isaa sadrkaa Godinaaleefi Dhaabbilee Tajaajila Bishaan dhugaatiifi Dhangal’aa waliin marii gaggeessuun rakkoolee kenna tajaajilaatiin walqabatee qorannoon adda bahe maqsuuf sosochiin sadarkaa hundatti akka gaggeeffamu irratti walii galamee sosochiin sadrkaa adda addaatti gaggeeffamaa jira jedhan.
Hawaasni tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu argachuun mirga sadrkaa mootummoota gamtoomaniitti eegameefi biyyi keenyas hojiirra oolchaa jirtu waan ta’eef tajaajila haqa qabeessa akka argatu gochuuf hojiin eegalame cimee akka itti fufu dhaaman.
Hoji-gaggeessaan Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatiifi Dhangala’aa Magaalaa Hurutaa Heexossaa Dheeraa Obbo Tolaa Nagaash gabaasa raawwii hojii bara 2016 fi kallattii karoora bara 2017 bakka Bulchaan Bulchiinsa Godina Arsii Obbo Ibraahiim Kadir, keessummoonnifi qooda fudahttoonni argamanitti fooramichaaf dhiheessaniiru.
Obbo Tolaan gabaasa isaanii keessatti hojiilee akka ciminaatti dhaabbatichi bara 2016 keessatti raawwateefi hanqinoota jiran tarreeffamaan dhiheessaniiru. Keessattuu kenna tajaajilaatiin walqabatee kallattii sosochii kenna tajaajilaa Biiroon kaa’e bu’uura godhachuun hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajilli kennamu karaa ammayyaa’een sirni tekinooloojitti fayyadamuun si’ataa, qulqulluufi qaqqabamaa akka ta’u hojiirra ooluus ibsan.
Akka Hoji Gaggeessan ibsanitti, fedhiifi gaaffii ummanni Magaalichaa waliin gahiinsa tajaajila bishaan dhugaatii waliin walqabatu deebisuuf tattaaffii bal’aan taasifamaa jira. Dhaabbatichi dameelee tajaajila bishaan dhugaatii shan qaburratti dhiheessii bishaan dhugaatii karaa haqa qabeessa ta’een dhiheessuuf hojjechaa jiraatullee hanqinni jiraachuu himan.
Sababoonni hanqina kana uumanis qisaasama bishaanii, seeraan alummaa bishaanirratti raawwatamuufi biqiltuu baargamoo madddeen bishaanirratti dhaabuun isaan ijoodha jedhan. Rakkoolee kanneen furuuf ammoo tarkaanfii sirreessaa fudhachuuf dameelee shanan irratti marii gaggeeffameen irratti walii galamuu himuun karoora bara 2017 keessatti kan raawwatamu ta’a jedhan.
Dhimmoota kenna tajaajilaafi bulchiinsa gaarii waliin walqabatee jiru hirmaannaa ummataatiin tarkaanfiin seeraafi bulchiinsaa fudhatamuun riifoormiin eegalame akka lafa qabatu ciminaan ni hojjetama jedhan.
Hirmaattonni fooramichaas gama isaanitiin yaada kaasaniin, Dhaabbatichi tajaajilasaa haqa qabeessaafi fedhii hawaasaa guutuuf tattaaffii gochaa jiru dinqisiifataniiru. Hanqina bishaan dhugaatii qaban furuuf Abbootiin qabeenyaa, ummanniifi qooda fudhattoonni qindoominaan yoo hojjetan ta’uus himan. Dhimmoota akka hanqinaatti ka’anis hirmaannaa isaanitiin akka furamu gahee isaanii bahachuuf mirkaneessaniiru.
Bulchaan Bulchiinsa Godina Arsii Obbo Ibraahiim Kadir waltajjicharrattii argamuun kallattii kaa’aniin, dhimmoota kenna tajaajilaa, maddoota bishaanii kunuunsuu, seeraan alummaafi qisaasama bishaaniin walqabatan furuu keessatti deggarsaafi hordoffii barbaachisu kan taasisan ta’uu dubbataniiru. Pirojektoota dhaabbatichi jalqabee of harkaa qabu xumursiisuufi hanqina bishaanii jiru hundeerraa furuuf qorannoon akka gaggeeffamu kallattii kaa’an.
Haaluma walfakkaatuun fooramiin kun Dhaabbata Tajaajila Bishaan Dhugaatii Magaala Hoolotaa-Ejereettis gaggeeffameera.
Hoji Gaggeessaan Dhaabbatichaa Obbo Dabalaa Kuusaa gabaasa raawwii hojii bara darbeefi karoora hojii bara 2017 dhiheessan keessatti rakkoo Bishaan Dhugaatii Magaalichatti mul’atu qindoomina qooda fudhattootaafi humna qabuun furuuf hojjechaa jiraachuu ibsan.
Qindoomina dhaabbataafi Mamilaa cimisuun alseerummaa bishaan dhugaatii irratii jiru araarama tokko malee tarkaaffii sirreeffamaa fudhachuufi haricaatii sassaabbii galii dhabbatichaa irratti mul’atu maqsuuf karoorfamuusaa obbo Dabalaan himan.
Waltajjii kanarratti bakka Bu’aan BBIO fi Dura taa’aan boordii dhaabbatichaa Dr. Xibabuu Taliilaa akkasumas qooda fudhattoonni biroo argamaniiru.
#Bishaan_ bu’uura jireenya lubbu qabeeyyii maraa waan ta’eef kunuunsinee itti haa fayyadamnuun dhaamsa qophichaati.
Odeeffannoolee adda addaatiif Marsaalee Hawaasaa keenya sirriitiin nu hordofaa
Facebook Oromia Water and Energy Bureaugy
  • No Comments
  • September 12, 2024

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *