Inarjii qilleensa faalurraa gara Tekinoloojii Inarjii Haarofamaatti! - Oromia Water and Energy Bureau Portal
  • info@oromiawater.org
  • 12/7, OWEB Portal | Utilities
Inarjii qilleensa faalurraa gara Tekinoloojii Inarjii Haarofamaatti!
By oweb

Inarjii qilleensa faalurraa gara Tekinoloojii Inarjii Haarofamaatti!

Oromiyaatti bara kana Inarjii haaromfamaarra ummanni miliyoona Lamaaafi kuma 700 ol fayyadamaa ta’e.

#BBIO-(Adoolessa 7/2016, Finfinnee)- Biiroon Boishaaniifi Inarjii Oromiyaa bara bajataa xumurame kana keessa Inarjii haarofamaa babal’isuurratti hojii hojjechaa tureen ummanni miliyoona lamaafi kuma 740 ol fayyadamaa ta’e.

Biirichi mul’ata Bara 2022tti bishaan dhugaatii qulqulluu gahaafi itti fufiinsa qabuu akkasumas, misooma inarjii  haaromfamaa babal’isuun  fedhiin ummata Naannoo keenyaa guuttamee arguu jedhu qabatee hojjechaa jira.

Kana milkeessuufis qo’annoo adda addaa teekinoloojii inarjii irratti gaggeesuu, teeknooloojii biyya alaa fi biyya keessa jiran irratti haala ummanni fayyadamuu danda’uun madaqsuufi babali’suun ummata biraan ga’uuf hojii bal’aa hojjetaa tureen milkaa’inoonni gurguddoon galmaa’aaniiru. Milkaa’ina hojii kanaatiif deggarsi Dhaabbileefi sagantaalee adda addaa akkasumas Miti Mootummaa olaanaadha.

Haaluma kanaan hojii bara 2016 keessatti raawwataa tureen:-

  • Tekinoloojii qabeenya humna aduu Soolaaritti jijjiiruu fayyadamuun bara kana (buufata soolaarii dhaabbilee hawaasaa) 11, Tekinooloojii Baayoo Gaazii 2152, Geemoo Qoraan Qusatu Kuma 888 tti siqu, Soolaarii Man-tokkee 94,538 babal’isuun walumaagalatti ummata miliyoona Lamaafi kuma 740 ol fayyadamoo taasisuun danda’ameera.
  • Sagnataa ’UNICEF’ tiin qofa buufataalee bishaan dhugaatii 15 godinaalee gammoojjiii jaha keessaatti kanaan dura boba’aan hojjachaa turan baasii qar. Miliyoona 157oliin gara humna aaduutti (Solarization) jijjiiruun ummanni kuma 342 tajaajiila bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu danda’eera. Sagantaaleefi Dhaabbileen Miti Mootummaa biroos hojii walfakkaatu hojjechuun hawaasa kumaatamaan lakkaa’aman fayyadamaa taasisan.
  • Teeknoloojiwwan inarjii bara kana keessa raabsaman ciramaafi manca’ina bosona toonii 258, 264 ol ta’u hambisuun dandaa’ameera.
  • Hojiiwwan hojjetman kanneen keessatti hirmaannaafi fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf gahee biiroon keenya bahateen dargaggoota kuma 37f carraan hojii dhaabbiifi yeroo uumamee fayyadamoo ta’anii jiru.
  • Teeknoloojiwwan inarjii raabsamaniin gadi-lakkisa gaaziwwan ho’a addunyaa dabalaniifi jijjiirama qilleensaaf gumaachan (Greenhouse gases emission) toonii kuma 400 ol hir’isuun dandaa’ameera.

Pirojektoonni bishaanii baasii guddaan, keessumattuu baadiyyaa naannichaatti ijaaramanii boba’aa fayyadamuun ummata tajaajilaa turan sababa boba’aan yeroo gara yerootti  qaala’aa dhufeef iskiimonni baayyeen eddoo garaagaraatti dulloomanii tajaajila dhaaban hedduun akka jiran beekmaadha.

BBIOn rakkoo kana furuuf Tekinoloojii qabeenya humna aduu Soolaaritti jijjiiru babali’suurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Qooda fudhattootaafi deggartootasaas hojii kanarratti akka bobba’an ni jajjabeessa.

#Bishaan_qulqulluu_inarjii_haaromfamaa_lammiileef_dhiheessuun_ammallee_hirmaannaa_qooda_fudhattootaa_sdarkaa_olaanaan_barbaachisa!

 

  • No Comments
  • July 14, 2024

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *