Pirojektiin Bishaan Dhugaatii Magaalaa Sandaafaa Bakkee Eebbifame - Oromia Water and Energy Bureau Portal
  • info@oromiawater.org
  • 12/7, OWEB Portal | Utilities
Pirojektiin Bishaan Dhugaatii Magaalaa Sandaafaa Bakkee Eebbifame
By oweb

Pirojektiin Bishaan Dhugaatii Magaalaa Sandaafaa Bakkee Eebbifame

Guyyaa Har’aa Jilli itti gaafatamaa Siyaasaa paartii badhaadhinaa damee Oromiyaa kabjamoo Dr. Biqilaa Hurrisaa fi Hoggantuu Biiroo Bishaani fi Inarjii Oromiyaa Eng. Miliyoon Baqqalaan durfamu, Pirojektii bishaan dhugaatii Magaalaa Sandaafaa Bakkee baajata Baankii Addunyaa fi Baajata mootummaa Naannoo Oromiyaa qarshii miliyoona 92 oliin ijaaramaa ture eebbifamee jira.
Sagantaa eebba Pirojektii Bishaan Dhugaatii Magaalaa Sandaafaa irratti argamuun haasaa kan taasisan Hooggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Eng. Miliyoon Baqqalaa gama isaanitiin
Pirojektiin kun Boolla Bishaanii 2, kuusaa bishaanii gara garaa 2, sarara bishaanii 65km akkasumas siistama ijaarsaa gara garaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, pirojektiin kun marsaa jalqabaatin ummata 72,000 fi marsaa 2ffaan immoo ummata 98,000 oliif tajaajila bishaan dhugaatii kan kennu ta’uu ibsuun, qaamota hojiin akka milkaa’u taasisan keessaa, gama ijaarsaatin dhaabbata Gashaw Banti BC fi waahila isaa Belt General Business akkasumas Gorsaa pirojektichaa dhaabbata Matafaria Consulting Engineering, Caasaa bulchiinsa shawaa kaabaa fi Magaalaa Sandaafaa akkasumas qooda fudhattoota hojii qorannoo fi design irraa eegalanii hanga bishaan kun ummata bira gahutti gahee isaanii bahachaa turan hunda galateeffachuun, kanaan booda ummanni Magaalichaa fi Naannoo isheetti argaman, Pirojektiin kun kan isaanii waan ta’eef, akka ilma isaanitti kunuunfatanii akka irraa fayyadamuu qaban dhaamanii jiru.
  • No Comments
  • January 21, 2021

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *